21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

Yesuus Mana Qulqullummaatti

Geeffame

21 Innis guyyaa saddeettaffaatti,

akkuma yeroon dhagna qabaa x

isaa ga'een maqaa otoo inni garaa

haadha isaatti hin uumaminiin

dura maleekkaan isaaf baaseen

Yesuus jedhamee moggaafame.

22 Akka seera Muuseetti yeroon

qulqullaa'ummaa isaanii geenyaan

Yooseefii fi Maariyaam daa'ima

sana Gooftaa duratti dhiyeessuuf

jedhanii isa fudhatanii Yerusaalemitti

ol ba'an. 23 Isaanis akkuma

seera Gooftaa keessatti,

"dhiirri hangafni martinuu gooftaaf

ni qulqulleeffama" jedhamee

barreeffametiifi 24 Seera Gooftaa

keessatti ammoo "handarii y lama

yookaan, gugee sosokkee z lama"

jedhamee akka dubbatametti

aarsaa a dhiyeessuu dhaqan.

25 Kunoo, namichi qajeelaan

Waaqa sodaatu kan maqaan isaa

Simi'oon jedhamu tokko Yerusaalem

keessa ture; innis fayyinna

Israa'eli eegachaa ture; Hafuurri

Qulqulluunis b isa irra ture. 26 Hafuurri

Qulqulluunis akka inni

otoo Masiihii Gooftaa hin argin

hin duune isatti muldhisee ture.

27 Innis Hafuuraan qajeelfamee

mana Qulqullummaa seene; abbaa

fi haati Yesuus akka bartee c

seerichaatti waan barbaachisu

125 Luqaas 2:35

isaaf raawwachuuf d jedhanii

Yesuus mucicha baadhatanii

yommuu ol -seenanitti,

28 e

Simi'oon fuudhee isa ammatee

akkana jedhee Waaqa galateeffate:

29

"Yaa Gooftaa, akkuma dubbii

keetiitti,

ati garbicha kee amma nagayaan

geegessi;

30 f

Iji tiyya fayyinna kee isa ati

31

Saba hundumaa duratti qopheessite

argiteerti;

32

Innis ifa namoota ormaatiif

muldhata kennuudha;

saba kee Israa'eliif immoo

ulfinna."

33 Abbaa fi haati isaas waan

waayee isaa dubbatame sana

maadeffatan. 34 Simi'oonis isaan

eebbise; haadha daa'ima sanaa

Maariyaamiinis akkana jedhe;

"Daa'imni kun Israa'el keessatti

kufatii g fi ka'umsa namoota

baay'eetiif sababii, waan isa

irratti odeeffamuufis milikkita

akka ta'u murteeffameera. 35 Akka

yaadni garaa namoota baay'ee

ifatti bawuuf goraadeen lubbuu

kee ni waraana".

x y

21 ykn qabaanqabaa/ gadooma; 24

z

ykn saphaliisa; 24 ykn saphaliisa

didiqqaa; a 24 ykn sooriyoo/ fala; b 25 ykn

c

Ayyaanni Woyyuunis; 27 ykn aadaa/

dudhaa; d 27 ykn tolchuuf; e 28 ykn amnate;

f 30 ykn iltii; g 34 ykn jigaatii

2:24 Handarii... gugee - warra korma hoolaa dhiyeessuu hin dandeennettu handarii

(saphaliisa) yookaan gugee aarsaa dhiyeessa.

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!