21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

"Yaa Gooftaa, ani nama cubbamaa

dha; narraa fagaadhu!"

jedhe. 9 Kunis sababii qurxummiin

baayeen qabame suni Simooniifi

warra isa wajjiin turan hunda

dinqisiiseef j . 10 Ilmaan Zabdewoosii

warri hiriyyoota Simoonii turan

jechuunis Yaaqoobii fi Yohaannis

akkasuma dinqifatan.

Yesuusis simooniin, "hin sodaatatin;

ati ammaa jalqabdee qabduu

namootaa nitaataa" jedhe. 11 Isaanis

erga hoboloowwan isaanii gara

qarqaraatti baasanii booddee k waan

mara dhiisanii isa faana bu'an.

Namicha Lamxaa'aa Tokko

5:12-14 Kwf ⇒ Mat 8:2-4, Mar 1:40-44

12 Otoo Yesuus magaalota l sana

keessaa isa tokko keessa jiruu

namichi nafnisaa guutuun

lamxaa'e m tokko gara isaa dhufe;

innis yommuu Yesuusin argetti

adda isaatiin gombifamee, "Yaa

Gooftaa, yoo fedhii kee ta'e ati

na qulqulleessuu ni dandeetta!"

jedhee isa kadhate.

13 Yesuusis harka isaa diriirfatee

namicha qaqqabatee, "fedhii kiyya,

qulqullaa'i" jedheen; lamxiin

sunis yeruma sana namicha irraa

bade.

14 Yesuusis,"nama tokkottillee

hin himin; garuu dhaqii lubatti n

of-agarsiisiitii akka qulqullaa'uuni

kee namootaaf dhugaa ba'iisa o

ta'uuf aarsaa p Muuseen ajaje

sana dhiyeessi" isaan jedhe.

15 Haa ta'uu malee oduun waayee

133 Luqaas 5:20

isaa ittuma caalee faca'e; namoonni

hedduunis isa dhagawuufi dhukkuba

isaanii irraa fayyuuf jedhanii

gara isaa dhufaa turan. 16 Yesuus

garuu yeroo baayee Lafa namni

hinjirre dhaqee kadhachaa ture.

Yesuus Nama Laamsha'aa tokko

Fayyisuu Isaa

5:18-26 Kwf ⇒ Mat 9:2-8; Mar 2:3-12

17 Yesuus gaafa tokko otoo

barsiisaa jiruu, Farisonnii fi barsiistonni

seeraa warri gandoota

Galiilaatii fi Yihuudaa cufa

keessaa akkasumas Yerusaalemii

dhufan achi tataa'aa turan; akka

inni dhukkubsattoota q fayyisuufis

humni Gooftaa isa waliin ture.

18

Jarri tokkos namicha nafni isaa

laamsha'e r tokko sireen baatanii

dhufan; isaanis namicha sana fuula

Yesuusi dura kaa'uuf jedhanii

manatti ol isa galchuu yaalan.

19

Sababii Baay'inna namaatiifis

karaa ittiin ol isa galchan dhabnaan

ol- bantii s manaatti dhaga'a

bantii manaa saaqanii wadhakkaa

namootaatiin Yesuus duratti

siree isaatiin gadi isa buusan.

20 Yesuusis amantii t isaanii argee,

"namana, cubbuun kee sii

dhiifameera u " isaani jedhe.

j 9 ykn maadeffachiiseef/ajaa'ibsiiseef;

k 11 ykn duubatti; l 12 ykn dira; m 12 ykn

qomaaxa'e/ qurcaa'e; n 14 ykn qaalluutti;

o 14 ykn dhugeessaa/ragaa; p 14 ykn

sooriyoo; q 17 ykn worra fayyaa hinqabne;

r 18 ykn garii tokko irratti du'e;

s 19 ykn gasaree; t 20 ykn dhugeeffachaa;

u 20 ykn ya sirraa haaqame

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!