21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

himatu tokko waliin mana murtii

dhaxxutti dubbii kee karuma

irratti isa waliin fixachuu yaali;

yoo kanaa achii inni abbaa murtiitti

sii geessa; abbaan murtiis

dabarsee foolisiitti si kenna;

Foolisiin immoo mana hidhaa

keessa si buusa. 59 Ani sittin hima;

hanga saantima dhumaa ofirraa

baaftutti achii hin baatu."

Cubbuu Irraa Deebi'uu Yookiin

Baduu

Yeroo sana namoonni 13 waayee warra Galiilaa

kanneen Philaaxoos dhiiga isaanii

aarsaa m isaaniitti make sanaa

Yesuusitti himan tokko tokko achi

turan. 2 Yesuusis deebisee akkana

jedheen; "sababiin namoonni Galiilaa

kunniin akkasi dhiphataniif waan

isaan saba Galiilaa kaan n cufa

irra cubbamtoota turaniif seetuu?

3

Ani isinittin hima; akkasii miti;

garuu isinis cubbuu irraa deebi'uu

baannaan hundi keessan

akkasuma baddu. 4 Yookaan

namoonni kudhanii saddeettan

fooqiin o Saliihomi isaan irratti

jigee isaan fixe sun warra Yerusaalem

keessa jiraatan kaan mara

irra waan yakka hojjatan seetuu?

5

Ani isinittin hima; akkasii miti.

Garuu isinis cubbuu irraa deebi'uu

baannaan, cufti keessan

akkasuma baddu."

6 Luqaas 12:59

Innis akkana jedhee fakkeenya

kana dubbate; "namichi tokko

162

muka harbuu p kan oobruu q wayinii

isaa keessa dhaabame

tokko qaba ture; innis muka sana

irra firii r barbaachuu dhaqee

waan tokkollee dhabe. 7 Innis

hojjataa oobruu wayinichaatiin,

'ani waggaa sadan dabran kana

muka harbuu kana irra firii barbaadachuuf

jedhee marmaaraan s

ture; garuu waan tokkollee irraa

hin arganne; muriitii gatii! inni

maaliif lafa balleessa?' jedhe.

8 "Namichi sunis deebisee akkana

jedheen; 'Yaa Gooftaa, anuu

naannoo isaa qotee xaa'oo t itti

naqaatii mee wagguma tokko

haa turuu. 9 Yoo inni Waggaa

dhufu firii naqate, gaarii dha!

Yoo kanaa achii murtee gatuu

dandeettaa.' "

Dubartiin duddi ishii Gooba’e

Tokko Fayyifamuu Ishii

10 Yesuus guyyaa sanbataa tokko

manneen sagadaa keessaa isa

tokkotti barsiisaa ture. 11 Niitiin

hafuurri hamaan waggaa kudhanii

saddeeti dudda ishii goobesse

u tokkos achi turte; ishiinis

waan gad goddeef matumaa v oljechuu

hindandeessu turte. 12 Yesuusis

yommuu ishii argetti ufitti

ishii waamee, "dubartiinana, ati

l 55 ykn bitaa; m 1 ykn sooriyoo; n 2 ykn

kaawwan; o 4 ykn manni oldheeraani; p 6 ykn

odaa; q 6 ykn maasii /maasaa r 6 ykn

midhaani mukaa /sanyii, s 7 ykn itti dedeebi'aa;

t 8 ykn kosii /dikee; u 11 ykn niitiin;

v 11 ykn akkanallee jettee

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!