21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

Luqaas 2:4

4 Yooseefis manaa fi sanyii

Daawiti keessaa waan dhalateef

magaalaa Naazireeti ishii Galiilaa

keessaatii ka'ee gara magaalaa

Daawiti ishii Yihuudaa keessaa

tan Beetaliheem jedhamtuutti olbaye.

5 Innis kaadhima isaa o

Maariyaam ishii ulfa p turte sana

waliin galmeeffamuu dhaqe.

6

Otuma isaan achi jiranuus yeroon

da'umsa isii ga'e. 7 Isiinis ilma

isii isa hangafa deesse; waan

mana bultii keessummootaa keessa

bakki q hin jiraatiniif huccuun r

martee siree horiini itti nyaatu

irra isa ciibsite.

Maleekkota Waaqaatii fi Tissitoota

8 Biyya sanas tissitoota halkani

halkani ala bulanii hoolota s

isaanii tiffatanitu ture. 9 Maleekkaan

Gooftaa isaanitti muldhatee;

ulfinni Gooftaas naannoo isaaniitti

ibse; isaanis akka malee sodaatan.

10

Maleekkaani sun garuu akkana

isaaniin jedhe; "hin sodaatinaa.

kunoo, ani oduu dansaa akka

malee nama gammachiisu kan

saba hundumaaf ta'u isinii fideeraatii.

11 Hardha magaalaa

Daawiti keessatti fayyisaan isiniif

dhalateera; innis Kiristoos

Gooftaa dha. 12 Kunis milikkita t

isinii ta'a; Daa'ima huccuun maramee

siree horiin itti nyaatu irra ciisu

tokko ni argitu."

13 Maleekkaa sana wajjiinis

raayyaan u Samii irraa baay'een

akkuma tasaa muldhatanii Waaqa

galateeffachaa akkana jedhan;

14

"Samii gubbaatti ulfinni Waaqayyoof,

lafa irratti nageenni namoota

inni itti gammaduuf haa

ta'uu ."

15 Erga Maleekkonni tissitoota

dhiisanii gara samiitti ol-ba'anii

booddees v tissitoonni sun, "Koottaa

Beetliheemin dhaqnee waan ta'e

kan Gooftaan nutti hime kana

ilaalaa" waliin jedhan.

16 Isaanis dafanii dhaqanii, Maariyaamii

fi Yooseefin daa'ima siree

horiin itti nyaatu irraa ciisus

argan. 17 Isaanis yommuu isa argan

itti waan waayee mucichaa

isaanitti himame sana odeessan.

18

Warri waan kana dhaga'an

cuftinuu waan tissitoonni isaanitti

himan sana ni dinqifatan w . 19 124

Maariyaam

garuu waan kana mara garaatti

qabattee itti yaadaa turte.

20

Tissitoonnis wanni isaan dhaga'aniifi

argan sun hundinuu

akkuma isaanitti himamee ture

sana ta'ee waan arganiif

Waaqaaf ulfinna kennaa, isa galateeffachaas

deebi'an.

o p

5 ykn intala inni kadhate; 5 ykn ulfoo;

q r s

7 ykn fulaani; 7 ykn woyaan; 8 ykn

t

ooliyyee; 12 ykn malkata/milikkeeta;

u v

13 ykn duulli; 15 ykn duubatti;

w

18 ykn maadeffatan/ajaa'ibsiifatan

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!