21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

Luqaas 22:19

19 Buddeenas fuudhee eegii

galata galchee booddee caccabsee

isaanii kennee, "kun nafa

kiyya kan isiniif kennamuu dha;

kanas ittiin na yaadachuuf v godhadhaa"

jedheen.

20 Akkasumas irbaataan w booddee

xuwwaa sana fuudhee akkana

jedhe; "xuwwaan kun Kakuu

Haaraya, dhiiga kiyyaa kan

isiniif dhangalaafamuu dha.

21 Garuu harki namicha dabarsee

na kennu sanaa kunoo harka

kiyya waliin maaddii irra jira.

22 Ilmi namaalleen akkuma murteeffametti

ni dhaqa; garuu namicha

dabarsee isa kennu sanaaf wayyoo."

23 Isaanis namni isaan keessaa

waan kana gochuuf jiru eenyu

akka ta'e wal gagaafachuu

jalqaban.

24 Akkasumas namni isaan keessaa

akka nama nama cufa caaluutti

ilaalamu eennu akka ta'e

irratti wal mormiin jidduu isaaniitti

uumame. 25 Yesuusis akkana isaaniin

jedhe; "mootonni ormootaa gooftummaa

isaanii namoota ormaa irratti

agarsiisu; warri namoota ormaa

irratti aangoo x qabani ammoo

gargaartota sabaa ufiin jedhu.

26 Isin garuu akkas hin ta'inaa;

qooda kanaa isin keessaa namni

nama hunda caaluu akka quxisuu

y nama hundaa, dura bu'aan

immoo akka tajaajilaa z haa ta'uu.

27 Eenyutu guddaa dha? nama

maaddiitti dhiyaatu moo nama

186

tajaajilu? nama maaddiitti dhiyaatuu

mitii? Ani garuu isin

jidduutti akka tajaajilaa tokkooti.

28 Isin immoo warra yeroo qorama

kiyyaa mara na wajjiin turtanii

dha. 29 Akkuma Abbaan kiyya

mootummaa natti kenne, anis

akkasuma isinittin kenna. 30 Kunis,

akka isin mootummaa kiyya

keessatti maaddii kiyya irraa

nyaattanii dhuddanii fi teessowwan

irra teettanii gosoota Israa'eli

kudhanii lamaan irratti

akka murtii kennitaniif.

31 "Yaa Simoon, yaa Simoon;

kunoo, Sheexanni akkuma qamadiitti

a isin gingilchuuf kadhateera.

32 Ani garuu akka amantiin b kee

hin dadhabneef sii kadhadheera;

atis yommuu deebitutti, obboleeyyan

kee jajjabeessi."

33 Simoon garuu deebisee, "Yaa

Gooftaa, ani si waliin hidhamuu

fi du'uufillee qophaayeera" jedhe.

34 Yesuus, "Yaa Pheexiroos, ani

sittin hima; ati hardha otoo

kormi lukkuu hin iyyin akkuma

na beettullee yeroo sadii niganta

c " jedhee deebise.

35 Yesuusis, "yeroo ani borsaa,

korojoo d yookaan kophee malee

isin erge sana waa isin duraa

hirdhateeraa?" jedhee isaani gaafate.

v 19 ykn qaabachuuf; w 20 ykn golola

galgalaatiin; x 25 ykn jabeenna; y 26 ykn

maandhaa; z 26 ykn hojjataa; a 31 ykn

dargaayyee; b 32 ykn dhugeeffachaani

tee; c 34 ykn mormatta; d 35 ykn subba

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!