21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

Luqaas 11:25

sanatti nandeebi'a' jedha. 25 Yommuu

achi ga'uttis manicha haramee

qopheeffame argata. 26 Ergasiis

dhaqee hafuurota xuraawoo kanneen

isa caalaa hammaatan gara

biraa d torba fudhatee dhufa; isaanis

itti galanii achi jiraatu; haalli

namicha sanaa inni dhumaa kan

jalqabaa irra hammaata."

27 Otoo Yesuus waan kana dubbachaa

jiruu, dubartiin e tokko

namoota jidduudhaa sagalee f ishii

ol-fudhattee, "garaan si baate,

harmi ati hootes eebbifamaa dha"

jette.

28 Inni garuu deebisee, "Sana

irra warri dubbii Waaqayyoo

dhaga'anii ajajamaniif eebbifamoodha."

jedhe.

Milikkita Yoonaasi

11:29-32 Kwf ⇒ Mat 12:39-42

29 Akkuma baay'inni namootaa

ida'amaa deemeen Yesuus akkana

jechuu jalqabe; "dhaloonni

kun dhaloota hamaa dha; inni

milikkita barbaada; garuu milikkita

Yoonaasi malee milikkinni

dhibiin isaaf hin kennamu. 30 Akkanuma

Yoonaas milikkita saba

Nanawwee ture sana, Ilmi Namaa

immoo milikkita dhaloota

kanaa ni ta'aatii. 31 Mootittiin

kibbaa g guyyaa murtiitti namoota

dhaloota kana wajjiin kaatee

isaanitti murti; isiin ogummaa h

Solomooni dhagawuudhaaf jettee

handaara lafaatii dhufteertii. kunoo,

kan Solomoonillee caalu tokko

156

asi jira. 32 Namoonni Nanawwees

guyyaa murtiitti dhaloota kana

waliin ka'anii isatti ni muru; isaan

lallaba Yoonaasiitiin qalbii

jijjiirataniiruutii i kunoo kan

Yoonaasillee caalu tokko asi jira.

Ibsaa Nafaa

11:34, 35 Kwf ⇒ Mat 6:22, 23

33 "Namni kamiyyuu ibsaa qabsiisee

boolla keessa yookaan

guuboo j jala hin kaa'u; qooda

kanaa akka warri ol seenan ifa

isaa arganiif baattuu isaa irra

kaa'a. 34 Ijjii k kee ibsaa nafa

keetii ti; yoo ijji kee fayyaa ta'e,

nafni kee hundinuu ifaan guutama.

Yoo iji kee fayyaa hinta'in

garuu nafni kees dukkanaan guutama.

35 Kanaaf akka ifni si keessaa

dukkana hin taaneef ofeegadhu.

36 Egaa yoo nafni kee

hundinuu ifaan guutame, yoo

kutaan l , tokkolleen dukkana hinqabaatin,

akkuma waan ifni ibsaa

tokkoo ifa isaatiin sii ibsuutti

nafni kee guutummaatti ifa niqabaata."

Fariisonniifi Barsiistonni Seeraa

Ifataman

37 Akkuma Yesuus haasaa isaa

fixateen fariisota keessaa namichi

tokko akka Yesuus isa waliin

d e f

26 ykn dhibii; 27 ykn niitiini; 27 ykn

qoonqoo/qoonqa; g 31 ykn karaa bitaa;

h i

31 ykn qarooma; 32 ykn cubbuu irraa

j

deebi'aniiruutii; 33 ykn kophaafaa;

k l

34 ykn iltii; 36 ykn mittaani /bu'aani

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!