21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

22 Innis barattoota isaatiin akkana

jedhe; "yeroon isin itti guyyoota

Ilma Namaa keessaa isa

tokko arguu hawwitan ni dhufa;

garuu hin argitan. 23 Namoonni,

'inni kuunnoo achi jira!' yookaan

'kunoo asi jira' isiniin jedhu; isin

garuu hin dhaqinaa; isaanis hin

hordofinaa. 24 Ilmi namaa guyyaa

isaatti akkuma angaasuu q calaqqisee r

gama tokkoo hanga gama kaaniitti

samii ibsuu nita'aatii. 25 Inni garuu

duraan dursee akka malee

cinqamuufi dhaloota kanaan

tuffatamuu qaba.

26 "Akkuma bara Nohi ta'e sana,

guyyaa Ilma Namaattis akkasuma

ni ta'a. 27 Hanga gaafa Nohi

doonii s seeneetti namoonni

nyaachaa, dhugaa, fuudhaa, heerumaas

turan; lolaanis dhufee cufa

isaanii balleesse.

28 "Bara Looxiis akkasuma ture;

namoonni nyaachaa, dhugaa, bitachaa,

gurgurachaa, biqiltuu dhaabachaa,

manas ijaarrachaa turan.

29 Guyyaa Looxi Sodoomii bahetti

garuu ibiddii fi dinyiin t samii

irraa roobee hunda isaanii balleesse.

30 "Guyyaa Ilmi Namaa muldhatuttis

akkasuma ta'a. 31 Guyyaa

sana namni bantii u mana isaa irra

jiru kan manaa mi'a qabu mi'a

sana fudhachuuf jedhee gadi hin

bu'in; akkasuma immoo namni

oobruu v keessa jiru manatti hin

deebi'in. 32 Niitii Looxi qaabadhaa

w ! 33 Namni lubbuu isaa ool-

173 Luqaas 18:3

fachuu barbaadu kamiyyuu lubbuu

isaa ni dhaba; namni lubbuu

isaa dhabu kamiyyuu garuu lubbuu

isaa ni oolfata. 34 Ani isinitti

hima; halkan sana namoota lamattu

siree tokko irra rafa; tokko ni

fudhatama; kaan x immoo ni hafa.

35 y z

Dubartoonni lama bakka tokkotti

midhaan daaku; tokko ni

fudhatamti; taan a immoo ni hafti.

36

Namoonni lama oobruu keessa

jiru; tokko ni fudhatama; kaan

immoo ni hafa."

37 Barattoonni isaas, "Yaa Gooftaa,

eessatti?" jedhanii gaafatan.

Innis, "bakka raqni b jirutti

rummichi walitti qabama" jedhee

deebiseef.

Fakkeenna Niitii Dhiirsii irraa

Du'e Tokkoo

Yesuusis akka isaan yeroo 18 mara Waaqa kadhachuu

qabanii fi akka isaan abdii hin

kutanne isaan barsiisuuf jedhee

fakkeenna tokko barattoota

isaatti hime. 2 Innis akkana jedhe;

"magaalaa c tokko keessa abbaa

murtii kan Waaqa hin sodaanne,

namaas kan hinsaalfanne tokkottu

ture. 3 Niitiin dhiirsii irraa du'e

tokkos magaalaa sana keessa

q r

24 ykn balaqqee; 24 ykn billixxee;

s t

27 ykn hoboloo; 29 ykn dhillooni

bobeettu; u 31 ykn gubbaa; v 31 ykn

maasii/aasaa; w 32 ykn yaadadhaa;

x y z

34 ykn kuun; 35 ykn nadheeni; 35 ykn

fulaa; a 35 ykn tuun; b 37 ykn goblolii;

c

2 ykn dira

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!