21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

Luqaas 10:41

akka ani hujii hunda kophaa

kiyya hojjadhu natti dhiisuun

ishii sin gaddisiisuu? Akka ishiin

na gargaartu itti himi!" jette.

41 Gooftaanis deebisee akkana

jedheen; "yaa Maartaa, yaa Maartaa,

ati waayee waan baay'ee

yaaddofta; niraafamtas. 42 Wanni

barbaachisu garuu waanuma

tokko qofa; Maariyaam isa caalu

filatteerti; innis isii irraa hin fudhatamu.”

Yesuus Waayee Kadhannaa

Barsiisuu Isaa

11:2-4 Kwf ⇒ Mat 6: 9-13

11: 9-13 Kwf ⇒ Mat 7:7-11

Gaaf - tokko Yesuus bak- 11 ka p tokkotti kadhachaa

ture; yommuu inni raawwatettis q ,

barattoota isaa keessaa namni

tokko, "yaa barsiisaa, akkuma

Yohaannis barattoota isaa barsiise

sana, atis Waaqa kadhachuu

nu barsiisi" jedheen.

2 Innis akkana isaaniin jedhe;

"Isin yommuu Waaqa kadhattan

akkana jedhaa;"

" 'Yaa Abbaa,

Maqaan kee haa qulqullaa'uu;

mootummaan kee haa

dhufuu.

3 Buddeena keenya kan guyyaa

cufaa guyyuma guyyaan

nuu kenni.

4 Cubbuu keenya nuu dhiisi q ;

nu mataan keenyas warra

154

cubbuu nutti hojjataniif

ni dhifnaatii;

qoramattis r nu hin galchin.' "

5

Innis akkana isaaniin jedhe;

"Mee isin keessaa namni tokko

michuu s qaba haa jennuu; innis

halkan wadhakkaa michuu isaa

sana bira dhaqee, 'Yaa michuu

kiyya, mee buddeena sadii naa

liqeessi; 6 Michuun kiyya kan

karaa deemu tokko natti goree

jiraatii; Anis waan dhiyeessuuf

tokkollee hin qabu' haa jedhu.

7 "Namichi mana keessaa sunis,

'na hin rakkisin; balballi cufameera;

ijoolleen kiyyas na wajjiin siree

irra jiru; ani ka'ee waan tokkollee

sii kennuu hin danda'u'

jedhaanii? 8 Ani isinittin hima;

sababii inni jaala isaa ta'eef jedhee

ka'ee buddeena sana isaa

kennuu baatullee, sababii ija t

jabeenna namicha sanaatiif jedhee

ka'ee waan isa barbaachisu

marani kennaaf.

9 "Kanaaf ani isinittin hima;

kadhadhaa isinii kennamaa; barbaadaa

ni argattuu; rurrukutaa u

balballi isinii banamaa. 10 Namni

kadhatu hundi ni argataatii; namni

barbaadu ni argata; nama rukutuufis

balballi ni banama.

11 "Yaa abbootii, isin keessaa

namni yoo ilmi isaa qurxummii

P 1 ykn fulaa; q 1 ykn fixatetti; r 4 ykn

haraarami; s 4 ykn ilaallattootti; t 5 ykn

jaala; u 8 ykn adda

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!