21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

Luqaas 5:21

21 Fariisonnii fi barsiistonni

seeraas, "namichi Waaqa arrabsu

kun eennu? Waaqa tokkicha malee

namni cubbuu namaaf dhiisuu

danda'u eennu?" jedhanii garaa

isaanii keessatti yaaduu jalqaban.

22 Yesuusis waan isaani yaadaa

turan beekee akkana isaaniin

jedhe; "isin maaliif garaa keessan

keessatti waan akkanaa

yaaddu? 23 'Cubbuun kee sii dhiifameera'

jechuu moo 'ka'iitii deemi'

jechuutu salphaa dhaa? 24 Kun

garuu akka ilmi namaa lafa irratti

dhiifama cubbuu gochuuf

aangoo v qabu akka beettaniif."

Innis namicha laamsha'aa sanaan,

"ani siin nan jedha; ka'i; siree

kee fudhadhuutii mana keetti

gali" jedheen. 25 Namichis yeruma

sana ka'ee fuula isaanii dura

dhaabate; waan irra ciisaa tures

fudhatee Waaqa galateeffachaa

mana isaatti gale. 26 Hundi isaaniis

maadeffatanii Waaqaaf ulfinna

kennan; sodaadhaanis guutamanii,

"nu hardha waan baasaa argine"

jedhan.

Waamamuu Leewii

5:27-32 Kwf ⇒ Mat 9:9-13; Mar 2:14-17

27 Kana booddee Yesuus achii

ba'ee qaraxxuu Leewii jedhamu

tokko otoo inni bakka w itti qaraxa

walitti qaban taa'uu arge;

Yesuusis, "na hordofi" jedheen.

28

Leewiinis waan cufa dhiisee

ka’ee isa hordofe.

29 Leewiinis mana isaatti

134

nyaachisa guddaa Yesuusiif

qopheesse; qaraxxoonnii fi

namoonni kaan baay'eenis

isaan waliin maaddiitti x dhiyaatanii

turan. 30 Barsiistoonni

seeraa warri garee fariisotaa garuu,

"isin maaliif qaraxxootaa fi

'cubbamtoota' waliin nyaattu?

maaliif isaan waliin dhuddus?"

jedhanii barattoota isaatti gunguman.

31 Yesuus ammoo deebisee

akkana isaaniin jedhe; ogeessi

fayyaa dhukkubsattootaaf barbaachisa

malee warraa fayyaa

qabaniif hin barbaachisu. 32 Ani

cubbamtoota gara cubbuu irraa

deebiitti y waamuuf malee qajeeltota

waamuuf hin dhufne."

Yesuus Waayee Soomaa Gaafatamuu

Isaa

5:33-39 Kwf ⇒ Mat 9:14-17; Mar 2:18-22

33 Isaanis, "barattoonni Yohaannisi

yeroo baay'ee ni soomu y ;

Waaqas ni kadhatu; barattoonni

Fariisotaas akkasuma godhu;

barattoonni kee garuu ni nyaatu,

ni dhugus" jedhaniin

34 Yesuusis akkana jedhee deebiseef;

"isin otoo dhiirsi misirroo

z isaan bira jiruu miinjolii a

isaa soomsisuu ni dandeessuu?

35

Garuu yeroon itti dhiirsi misirroo

isaan biraa fudhatamu ni

v 24 ykn guddinna /humna; w 27 ykn

fulaa; x 29 ykn gololatti; y 33 ykn in

agaban; z 34 ykn abbaa fuudhaa/ashilaa;

a 34 ykn jaallan/keessummaani fuudhaa

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!