Create successful ePaper yourself
Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.
Luqaas 19:23

mura; ati akka ani nama hamaa

waan hin keewwatin fudhatu;

waan hinfacaasinis haamatu ta'e

beetta. 23 Yoos akka ani yeroo

deebi'utti dhala isaa waliin fudhadhuuf

maaliif maallaqa kiyya

mana baankii naa hin kaa'in ree?'

24 "Gooftichis warra achi dhadhaabataniin,

'miinaa sana harkaa

fuudhaatii namicha miinaa kudhan

qabuuf kennaa' jedhe.

25 "Isaanis deebisanii, 'Yaa Gooftaa,

inni duraanuu miinaa kudhan qaba'

jedhaniin.

26 "Inni immoo deebisee akkana

jedhe; 'ani isinittin hima; nama

waa qabu cufaafuu itti ida'amee

ni kennama; nama waa hin qabne

garuu wonni inni qabuyyuu

irraa fudhatama; 27 Diinota v kiyya

kanneen akka ani isaan irratti

mootii ta'u hin barbaadin immoo

asi fidaatii fuula kiyya duratti

isaan gogorra'aa!' "

Yesuus Ulfinnaan Yerusaalem

Seenuu Isaa

19:29-38 Kwf ⇒ Mat 21:1-9; Mar 11:1-10

19:35-38 Kwf ⇒ Yoh 12:12-15

28 Yesuus erga waan kana dubbatee

booddee Yerusaalemitti ol

bawuuf isaan dura deemaa ture.

29

Innis akkuma Beetifaagee fi

Biitaaniyaa kanneen Tulluu gaara

Ejersaa jedhamu biratti argamanitti

dhiyaateen barattoota isaa

keessaa lama erge. 30 Akkanas

isaaniin jedhe; "gara ganda fuula

keessani dura jiruu dhaqaa; ak-

178

kuma achi seentaniinis, ilmoo w

harree kan takkumaa namni hin

yaabbatin tokko isaa achitti hidhamee

jiru argitu; isas hiikaatii

fidaa. 31 Yoo namni tokkolleeni,

'maaliif hiiktu?' jedhee isin gaafate,

'Gooftaaf barbaachisa' jedhaa itti

himaa."

32 Warri ergamanis dhaqanii waan

mara akkuma inni isaanitti himetti

argatan. 33 Otoo isaan ilmoo harree

sana hiikaa jiranuus warri

harree sanaa, "ilmoo harree kana

maaliif hiiktu?" jedhanii isaan

gafatan.

34 Isaanis, "Gooftaaf barbaachisa"

jedhanii deebisan.

35 Ilmoo harree sanas Yesuusitti

fidan; uffata isaaniis

dudda harree sanaa irra buusanii,

Yesuusin isa yaabbachisan. 36 Yeroo

inni yaabbatee deemuttis namoonni

uffata isaanii karaa irra afaa turan.

37 Yeroo inni daandii gaara Ejersaa

irraa gadi bu'uutti dhiyaatettis,

barattoonni hundi hujii

baasaa kan arganii turan hundatti

gammadanii, sagalee x guddaan

akkana jedhanii Waaqa galateeffachuu

jalqaban.

38

"Mootiin maqaa Gooftaatiin dhufu

eebbifamaa dha!"

"Nageenni Samii irratti, ulfinnis

ol gubbaatti haa ta'uu!"

39 Namoota achi turan keessaas

v 27 ykn nyaapha; w 30 ykn bukura/

buukurruu; x 37 ykn qoonqoo/qoonqa