21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

Luqaas 23:49

arganitti qoma isaanii rurrukutaa f

achii deeman. 49 Warri isa beekan

hundi, dubartoonni Galiilaadhaa

isa hordofanis fagoo dhadhaabaatanii

waan kana ilaalaa turan.

Awwaalamuu Yesuusi

23:50-56 Kwf ⇒ Mat 27:57-61; Mar

15:42-47; Yoh 19:38-42

50 Kunoo, namicha miseensa

gumii Yihuudotaa kan Yooseef

jedhamu tokkottu ture; innis nama

gaarii fi qajeelaa ture. 51 Innis

murtii fi hujii isaanii irratti

jaraan walii hin galle; Yooseef

magaalaa Yihuudaa tan Armaatiyaa

jedhamtuu dhufe; innis mootummaa

Waaqayyoo eegachaa

ture. 52 Namichi kun gara Philaaxoosi

dhaqee reeffa Yesuusi kadhate.

53

Reeffa sanas gadi buusee

huccuu g quncee talbaa irraa

hojjatameen kafanee awwaalaa

qarsaa keessatti qopheeffame

kan namni tokkoyyuu duraan itti

hin awwaalamin tokko keessa

kaa'e. 54 Guyyaan sun guyyaa qophii

ture; Sanbannis seenuu

ga'eera.

55 Dubartoonni Yesuus waliin

Galiilaadhaa dhufanis Yooseef

faana dhaqanii awwaala sanaa fi

haala itti reeffii Yesuusi awwaala

keessa kaa'ame argan. 56 Achii

deebi'aniis qayyaa fi urgooftuu

qopheessan; Guyyaa Sanbataa

garuu seeraaf ajajamuuf jedhanii

boqotan.

192

Du'aa Ka'iisa

24:1-10 Kwf ⇒ Mat 28:1-8; Mar 16:1-

8; Yoh 20:1-8

Guyyaa jalqaba torbaan 24 sanaa barii barraaqa dubartoonni

h sun qayya qopheessan

sana fudhatanii gara awwaalaa

dhaqan. 2 Dhagaa sanas isaa

balbala awwaalaa irraa gangalfamee

argan; 3 Yommuu seenanitti

garuu reeffa isaa hin argane.

4

Otuma isaan waayee kanaa

ajaa'ibsiifachaa i jiranuu, namoonni

uffata caccalaqqisaa j uffatan

lama isaan bira dhadhaabatan.

5

Dubartoonni sunis sodaatanii

mataa buusanii lafa ilaalan;

namoonni sun garuu akkana

isaaniin jedhan; "isin maaliif

isa jiraataa warra du'an keessa

barbaddu.? 6 Inni asi hin jiru;

ka'eera! waan inni yeroo isin wajjiin

galiilaa ture isinitti hime

sana qaabadhaa k . 7 'Ilmi namaa

dabarfamee harka cubbamtootaatti

ni kennama; ni fannifama; guyyaa

sadaffaatti ammoo ni kaafama'

jedhee tureetii." 8 Dubartoonnis

dubbii isaa qaabatan.

9 Isaanis yommuu bakka l awwaalaatii

deebi'anitti waan kana

cufa barattoota kudhanii tokkottiifi

namoota hafanitti himan.

10

Warri waan kana ergamtootatti

f 48 ykn dhadha'aa; g 53 ykn woyaa;

h 1 ykn nadheeni; i 4 ykn maadeeffachaa/

dinqifachaa; j 4 ykn bibilliqaa; k 6 ykn

yaadadhaa; l 9 ykn fulaa

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!