21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

Luqaas 22:52

52 Eegasiis Yesuus luboota

hangafootaa, dura-bu'oota mana

qulqullummaatii fi maanguddoota

isa qabuu dhufaniin akkana

jedhe; "isin akka nama saamtuu

qabuutti goraadee fi bokkuu h

qabattanii dhuftanii? 53 Yeroo ani

guyyuma guyyaan isin wajjiin

mana qulqulluummaa keessa

turetti isin qubaaniyyuu na hin

tuqne; garuu sa'aatiin kun sa'aatii

keessan; innis yeroo itti dukkanni

moo'uudha."

Pheexiroos Yesuusin Ganuu Isaa

22:55-62 Kwf ⇒ Mat 26:69-75; Mar

14:66-72, Yoh 18:16-18, 25-27

54 Isaanis Yesuusin qabanii fuudhanii

deeman; fidaniis mana luba

ol aanaa ol -isa seensisan; Pheexiroos

immoo irraa fagaatee

hordofaa ture. 55 Garuu yommuu

isaan dallaa walakkaatti ibidda

qabsiisanii waliin tataa'anitti

Pheexiroosis isaan waliin taa'e.

56

Intalli tajaajiltuun tokkos otoo

inni ifa ibiddaa keessa taa'ee

jiruu isa argite; isiinis hubattee

isa ilaaltee, "namichi kunis isa

wajjiin ture" jette.

57 Inni garuu, "dubartiinana i , ani

isa hin beeku" jedhee gane.

58

Yeroo gabaabduu booddees

namni dhibiin j isa argee, "atis

isaan keessaa isa tokko" jedhe.

Pheexiroos garuu, "namichanana,

anaa miti " jedhee deebise.

59 Gara Sa'aatii tokkoo booddees

namni biraa, "dhugumaan

188

namichi kunis isa waliin ture;

inni nama Galiilaatii" jedhee

jabeessee dubbate.

60 Pheexiroosis deebisee, "namichanana,

ani waan ati jettu kana

hin beeku" jedhe. Otuma inni

dubbachaa jiruus kormi lukkuu

iyye. 61 Gooftaanis garagalee

Pheexiroosin ilaale. Pheexiroosis

waan Gooftaani," ati hardha otoo

kormi lukkuu hin iyyin yeroo

sadii ni ganta" jedheenii ture

sana qaabate. 62 Innis gadi ba'ee

hiqqifatee k boo'ee.

Eegdonni Yesuusitti Qoosuu

Isaanii

22:63-65 Kwf ⇒ Mat 26:67,68; Mar

14:65; Yoh 18:22, 23

63 Namoonni Yesuusin eegaa

turan sun isatti qoosuufi, isa

dhawuu jalqaban. 64 Isaanis ija l

isaa hidhanii, "mee raajii dubbadhu

m ! eennutti si rukute?"

jedhanii isa gaafatan. 65 Isaanis isa

arrabsaa waan hedduu isaan jedhan.

Yesuus Yaa'ii Yihuudotaa

Duratti Dhiyaachuu Isaa

22:67-71 Kwf ⇒ Mat 26:63-66; Mar

14:61- 63; Yoh 18:19-21

23:2, 3 Kwf ⇒ Mat 27:11-14; Mar

15:2-5; Yoh 18:29-37

23:18-25 kwf ⇒ mat 27:15-26; Mar

15:6-15; Yoh 18:39-19:16

66 Yommuu lafti bari'ettis yaa'iin

maanguddoota sabaa, akkasumas

h 52 ykn jirma /ulee; i 57 ykn niitii tana;

j 58 ykn biraa; k 62 ykn yiiyyisee; l 64 ykn

ila; m 64 ykn fagi /raagi

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!