21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

Create successful ePaper yourself

Turn your PDF publications into a flip-book with our unique Google optimized e-Paper software.

uddeena yookiin horii akkanumas

qomee v lama harkatti hin

qabatinaa. 4 Yoo mana kamiyyuu

seentan hanga yeroon isin itti

achii deemtan gawutti manuma

sana turaa. 5 Yoo namoonni isin

simachuu baatan immoo yeroo

magaalaa w sanaa baatanitti

akka ragaa x isaanitti ta'uuf miila

keessan irraa awwaara dhadha'adhaa."

6 Isaanis achii bahanii

bakka y hundatti wangeela lallabaa,

namootas fayyisaa ganda

tokko irraa gara ganda biraa z

deemaa turan.

7

Heroodis bulchaan kutaa afraffaa

sun waan ta'e cufa dhaga'e;

Innis waan namoonni tokko tokko

Yohaannis cuuphaan warra

du'an keessaa kaafameera jechaa

turaniif, 8 Warri kaanis Eliyaas

mullateera jechaa waan turaniif,

Warri kaan immoo raajota a durii

keessaa inni tokko du'aa ka'eera

jechaa waan turaniif akka malee

burjaaja'e b . 9 Heroodis garuu;

"ani Yohaannis irraa mataa isaa

kuchisiiseen ture; Yoos namichi

ani waayee isaa waan akkanaa

dhagawu kun eenyu ree?" jedhe;

Yohaannisin arguufis jabeessee

barbaadaa ture.

Yesuus Nama Kuma Shaniif

Nyaata Kenne

9:10-17 Kwf ⇒ Mat 14:13-21; Mar

6:32-44; Yoh 6:5-13

10 Ergamtoonnis deebi'anii waan

hojjachaa turan hunda Yesuusitti

147 Luqaas 9:16

himan. Innis isaani fudhatee gara

magaalaa Beetsayidaa jedhamtu

tokkootti kophaatti ba'e. 11 Namoonnis

kana beekanii isa hordofan; innis

isaan simatee waayee mootummaa

Waaqayyoo isaanitti hime;

warra fayyuun isaan barbaachisus

ni fayyise.

12 Yeroo lafti galgalaa'uu jalqabetti

warri kudhanii- lamaan

gara Isaa dhufanii, "nu waan lafa

onaa c keessa jirruuf akka

namoonni kunniin gara gandootaa

fi baadiyaa naannoo sanaa dhaqanii

bakka bultiitii fi waan nyaatan

barbaaddataniif gadi isaan dhiisi"

jedhaniin.

13 Inni garuu deebisee, "isinuu

waan isaan nyaatan kennaafi"

jedheen.

Isaanis, "nama kana hundaaf

nyaata yoo dhaqnee binne malee,

nu buddeena shanii fi qurxummii

lama caalaa hinqabnu" jedhan.

14

Dhiira gara kuma shaniitu achi

tureetii.

Inni garuu barattoota isaatiin,

"shantama shantamatti isaan

hiraatii tuuta tuutaan teessisaa"

jedhe. 15 Barattoonnis akkasuma

godhan; hunda isaaniis ni teessisan.

16 Innis buddeena shananii fi

qurxummii lamaan fuudhee gara

v 3 ykn ubbaara; w 5 ykn dira; x 5 ykn

dhuga - ba'iisa/ dhugeessaa; y 6 ykn

fulaa; z 6 ykn dhibii; a 8 ykn raagota; b 8 ykn

waan ta'u dhabe/ burgame; c 12 ykn aloo

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!