21.06.2013 Views

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

WANGEELA LUQAASI - Biblica

SHOW MORE
SHOW LESS

You also want an ePaper? Increase the reach of your titles

YUMPU automatically turns print PDFs into web optimized ePapers that Google loves.

Luqaas 18:4

turte; ishiinis, 'diina d kiyya irratti

murtii qajeelaa naa kenni 'jettee

isatti dedeebi'aa turte.

4 "Innis yeroo gabaabaaf didee

ture; eegasii garuu akkana jedhee

garaa isaatti yaade; 'ani yoo

Waaqa hin sodaannellee, yoo

namaas hin saalfannellee,

5

Sababii niitiin tun dedeebitee

na rakkiftuuf murtii qajeelaa nan

kennaaf; yoo kanaa achii dedeebitee

na dadhabsiifti.'"

6 Gooftaanis akkana jedhe; "eegaa

waan abbichii murtii dabaan sun

jedhu dhagayaa;

7 Waaqayyo

immoo filatamtoota isaa warra

halkanii guyyaa gara isaatti

iyyataniif murtii qajeelaa hin

kennuu? isaan duraa tursaa ree?

8

Ani isinittin hima; inni dafee

murtii qajeelaa kennaaf; garuu

Ilmi namaa gaafa dhufu lafa

irratti amantii e ni argataa ?"

Fakkeenya Fariisichaatii Fi

Namicha Qaraxa Walitti Qabuu

9 Yesuusis namoota qajeellummaa

ufiitti amananii warra kaan

immoo tuffatanitti akkana

jedhee fekkeenya kana hime.

10

"Namoonni lama waaqa kadhachuuf

gara mana qulqullummaatti

ol ba'an; isaanis Fariisicha

tokkoo fi nama qaraxa walitti

qabu tokko turan. 11 Fariisichi

ka'ee dhaabatee, waayee mataa

isaa akkana jedhee kadhate; 'yaa

Waaqayyoo, ani akka namoota

174

kaanii jechuunis akka saamtotaa,

jallootaafi sagaagaltootaa f keessumattuu

waan akka namicha

qaraxa walitti qabu kanaa hin

ta'iniif sin galateeffadha. 12 Ani

torbaanitti yeroo lama nan sooma g ;

waan argadhu hundumaa irraas

harka kudhan keessaa tokko nan

kenna.'

13 "Namichi qaraxa walitti qabu

sun garuu fagoo dhaabate, qoma

isaa dhadha'aa 'yaa Waaqayyo,

ani nama cubbamaadhaatii naa

nayi!' jedhe malee ija h isaatiinillee

ol-jedhee gara samii hin

ilaalle.

14 "Ani isinittin hima; namichi

kun namicha duraa irra fuula

Waaqayyoo duratti qajeelaa ta'ee

mana isaatti gale. Namni ol-uf

qabu martinuu gadi qabamaatii;

namni gadi uf-qabu immoo olqabama."

Yesuusii Fi Ijoollee Didiqqoo

18 : 15 - 17 Kwf ⇒ Mat 19 : 13 - 15;

Mar 10 : 13 - 16

15 Namoonnis Akka inni harka

isaa isaan irra kaa'uuf daa'immanillee

Yesuusitti fidaa turan;

barattoonni garuu yommuu waan

kana arganitti isaanitti dheekkaman.

16 Yesuus garuu ijoollee sana

ofitti waamee akkana jedhe;

"ijoolleen didiqqooni gara kiyya

d 3 ykn nyaapha; e 8 ykn dhugeeffachaa;

f 11 ykn hawadattootaa; g 12 ykn agaba;

h 13 ykn ila

Hooray! Your file is uploaded and ready to be published.

Saved successfully!

Ooh no, something went wrong!